| dc.description.abstract | Qorqnnoon kun rakkoo barattoonni dandeettii barreessuu Afaan Oromoo irratti qaban 
irratti xiyyeeffata. Kayyoon ijoo qorannichaa dandeettii Afaan Oromootiin barreessuu 
barattootaa irratti xiyyeeffata. Gama bakkaatiin qorannoon kun kan xiyyeeffate mana 
barumsa sadarkaa 2
ffaa magaalaa Sulultaarrattidha. Akkasumas, qorannoon kun mala 
qorannoo akkamtaa fi ammamtaan dalagamuun dhihaate. Kana malees, qorannoo kana 
keessatti barattoonni 150 dareewwan hunda keessatti mala iddattoo carraatiin filatamanii 
ragaa akka kennan taasifamee jira. Dabalataanis, barsiisonni Afaan Oromoo mana 
barumsichaa hundi isaaniiyyuu mala iddatteessuu argamtaan fudhatamuun ragaa akka 
kennan ta’anii jira. Akkasumas, qorannoo kana keessatti meeshaaleen funaansa ragaalee 
kanneen akka afgaaffii, bargaaffii, qormaata barreeffamaa Afaan Oromoo barattoota 
qoruun achirraas ragaa qabatamaa argachuuf yaalamee jira. Ragaaleen funaanamanis, 
mala qaaccessa ragaalee lakkoofsaafi jechaan qaacceffamanii dhihaatanii jiru. Kanneen 
lakkoosaan taa’an dhibbeentaatti jijjiiruun hiikni itti kennamera. Argannoon qorannoo 
kanaarraa argame akka mul’isutti, barattoonni baay’een barreeffama Afaan Oromootiin 
barreessuu keessatti rakkoo qabaachuun isaanii ifatti mul’atee jira. Rakkoowwan kunniinis, 
filannoo jechootaa, seerluga sirrii ta’etti fayyadamuu dhabuu, hima gaarii ijaaruu, yaada 
maddisiisuu, yaada qindeessuu, sirna tuqaalee iddoo barbaachisaa ta’etti fayyadamuu 
dhabuu, hanqina qubeessuu sirriitti, afaan dubbiifi barreeffama gargarbaasuun dadhabuu, 
unkaa barreeffamni barbaadu , qubguddeessuu sirrii, qindeessanii barreessufi kankana 
fakkaatan fayyadamuu dhabuu akka ta’e adda baheera. Kana malees, ilaalchi barsiisonni 
sirnaan shaakalchiisuufi hojiiwwan biroo hojii barreessuu waliin walqabatu irratti 
hojjechuurratti hanqinni akka jiru irra ga’ameera. .Maddi rakkoo kanaas barsiisonni 
xiyyeeffannoon irratti hojjechuu dhabuu, haalli kitaabnibarattootaa itti qophaa’e
barattoota waliin walsimuufi ifa ta’uu dhabuu, barattoonni fedhii dhabuu, hubannoo 
dogoggoraa Afaan Oromoo beekna jechuu, haalli bulchiisni mana barumsaa barsiisaa itti 
madaalu rakkoo qabaachuu, kutaa gadiitti sirnaan osoo hin shaakaliin dhufuu barattootaa,
hojiin barreessuu ni ulfaata jedhamee gama barataatiin fudhatamuu fa’a akka ta’e bira 
gahameera. Qorannichi, barsiisonni shaakala barreessuu walitti fufaa barattootaf kennuun 
barattoonni dandeettii barreessuu isaanii akka gabbiffatan osoo taasifamee kan jedhu akka 
yaada furmaatatti eerera | en_US |