Abstract:
Qorannoon kun Xiinxala Ergaafi Qabiyyee Sirba Heellamaa Oromoo Harargee 
Bulchiinsa Magaalaa Dirre Dhawaa Araddoota Filaman keessatti argamu 
qaacceessuu irratti kan xiyyeefatuudha. Kaayyoon inni guddaan qorannoo kanaa 
Ogafaan qabeenya hawaasaa kan afaaniin dhalootaa dhalootatti darbaa dhufe kun 
lakkuma teeknooloojiin babal’achaa deemuun dargaggoonni meeshaalee ammayyaatti 
fayyadamuu malee afoolatti gargaaramuu waan dhiisaniif yaada jedhu kan ibsuudha. 
Kanuma bu’uura godhachuudhaan qoratichi wanti ogafaaniin jiru dagatamuu waan 
danda’uuf namoonni kan barreeffamaan jiru dubbisanii irraa akka hubatan 
barreessuudhaan itti agarsiisuudha. Kana malees, namoota mata-duree 
walfakkaatuirratti qorannoo hojjachuu barbaadaniif akka wabiitti tajaajila. Malli 
qorataan qorannoo kanaaf itti fayyadame mala akkamtaa yoo ta’u, maddi ragaalee 
dargaggootaafi manguddoota miseensota gaaddisa caayaa kan araddoota kanneen 
keessa jiraataniidha. Iddatteessuun qorannichaa iddatteessuu mit-carraa keessaa 
iddatteessuu darbaa dabarsaa yoo ta’u, meeshaaleen odeeffannoon ittiin funaaname 
afgaaffii daangeffame, daawwannaafi afgaaffii marii gareetiif dhiheessuurratti 
xiyyeeffachuun odeeffannoon qixa sirrii ta’een funaanamee jira. Af-gaaffiifi mariin 
garee kun dargaggootaafi manguddoota araddoota filaman keessa jiraataniif kan 
dhihaatuudha.Ragaaleen malleen Kanaan funaanaman qoqqoodamuun mala 
ibsaatiin/ descriptive method/ fayyadamuudhaan qaacceeffamuun ibsi itti kennamee 
jira.Kana malees, faayidaalee afwalaloon sirba heellamaa misirroota booharsuurra 
dabree hirmaattoota garee hawaasaa sanaaf bu’aan inni qabu kanneen akka qeequu, 
aadaa barsiisuu, heera mana cidhaa walirraa barachuu, hawaasummaa cimsuu, 
amala namootaa too’achuufi eenyummaa isaanii barsiisuuf gahee ol-aanaa qaba. 
Argannoon argame immoo af-walaloon sirba heellamaa kun jiruufi jireenya 
ummatichaa akka daawwitiitti calaqqisiisu, heera mana awaataa barsiisu, 
maalummaafi eenyummaa isaanii ifatti baasuun beeksisuu, wal booharsaa ergaa 
dabarfachuu, dhaloota hegeree kallattii itti agarsiisuuf kan gargaaru qabeenya 
ummata Oromooti. Gabaabumatti af-walaloon sirba heellamaa kun akka hin 
dagatamne barreeffamaan hambaa godhanii kaa’uudha.