Abstract:
Kaayyoon qorannoo kanaa caasaafi qabiyyee deebii hiibboo Oromoo xiinxaluu yoo ta’u, bakki itti 
gaggeeffames naannoo Oromiyaa Godina Arsii AanaaDiksiis keessattiidha. Ka’uumsi qorannookanaas 
naannoo kanatti haalli itti fayyadama hiiboo gadi bu’aadha.Caasafi deebilee hiibboo ijoolleen taphatan 
xiinxalamee qindaawuun hubatamaa dalootaaf darbaa akka deemu gochuurrati laafinni kan jiru ta’uu 
qorataan kun hubachuu danda’ee jira.Saxaxni qorannoon kun ittiin gaggeeffames saxaxa qorannoo
qulqulleeffannaa(akkamtaa) keessaa sanyabsaatti gargaaramuun yoo ta’u, maddi ragaalee ammoo
manguddoota naannoo qorannoojiran keessaa warra hiibborrati beekumsaafi muuxannoo qaban irraa 
ragaaleen funaanamee jira.Ijoolleen yeroo hiibboo taphatan daawwachuun ragaan akka walitti qabamu 
ta’ee jira. Maddi ragaalee qorannoo kanaa madda ragaa tokkoffaa manguddoota yoota’an; Malli 
iddattoowwan ittiin funaanaman mala iddatteessuu miti carraa keessaa akkaayyoon tajaajila irra oolee. 
Malleen ragaaleen ittiin funaanaman afgaafii, mariigareexiyyeeffateefi daawwannaadha. Ragaaleen 
funaanamanis gadifageenyan qaacceffaman. Ragaalee qaacefaman irraa argannoowwan argaman akka 
muldhisanitti caasaafi qabiyyeen deebilee hiibboo naannoo qorannoo kanaa xiinxalamee adda bahee 
taa’un akka itti fayyadamaniifi dhaloota itti aanuf akka darbu wanti hojjatame hinjiru. Akkasumas, 
faayidaan hiibboo bashannansiisun alatti hubannoon isaan qaban gadi’aanadha. Hiibboo yeroo ammaa 
akka waan yeroon irra darbeetti kan ilaalaniifi maatiin ijoollee isaanii hiibboo kan itti hin himneefi hin 
shaakalsiifne; hubannoon akka cimu kan hin taasifne yoo ta’u;Ijoollenis galgala ta’ee yeroo boqonnaa 
isaanii hiibboo taphachuurra gara meeshaalee teeknoloojii kanneen akka Raadiyoo,Televizhnifi 
Mobaayiliitti kan xiyyeeffatan ta’uun qorannoo kanaan mirkanaayee jira. Kanaafis yaboowwan taa’e 
maatiifi barsiisonni afaanii hubannoon caasaafi qabiyyee deebilee hiibboo akka cimuufi laafinni faayidaa 
hiibboo ijoolleefi hawaasa bira jiru akka fooyya’u xiyyeeffannoon warri ogeeyyii afaanii osoo irratti 
hojjatanii gaaridha. Akkasumas Waajjirri aadafi Turiizimii Oromiyaas ta’ee kanGodinaafi aanaa 
waa’ee hiibboo, caasaafi qabiyyee deebilee isaa waliin qindeessanii teechisuun osoo irratti hojatanii 
barbaachisaadha. Dabalataanis ijoolleen akka itti fayyadamaniifi hubannoon hawaasa keessa jiru akka 
cimu barsiisonni Afaan Oromoos osoo irraatti hojjatanii gaariidha.