Abstract:
Kaaayyoon gooroo qorannoo kanaa ‘Lagannaa fi Laguu Oromoo Arsii Shanan Waayyuu irratti 
xiyyeffate. Qorannicha keessatti gosti qorannoo ibsaa kan dhimma ba’ame yoo ta’u, madda
ragaa tokkoffaa irraa odeffannoon fudhatameera. Haaluma kanaan, jamaan qornnichaa 
haawwanii fi abboolii Waayyuu Shananii fi ogeeyyii Waajjira Aadaa fi Turizimii Bulchiinsa 
Magaalaa Shaashamannee yemmuu ta’an dhiirota 10 fi dubartoota 7 Iddatteessuu kaayyeffataa
fi iyyaafannoon filatamaniin ragaaleen isaan irraa funaanameera. Daawwannaa, af-gaaffiifi 
mariin garee xiyyeeffate tajaajila irra oolaniiru. Ragaaleen funaanaman haala walfakkeenya 
isaaniitiin gurmeessuun mala akkamtaatin xiinxalamaniiru. Xiinxala kanaanis, jechoonni laguu 
maalirra akka turanii fi yeroo ammaa maal irra akka jiranii fi hubannoon hawaasni jechoota 
lagurratti qabu ibsamaniiru. Argannoon qorannoo kanaas laguu fi lagannaan yeroo ammaa
akkaataa duriitti hojii irra hin jiru. Keessattuu, naannoo magaalaatti guutumaan guututti kan 
dhiifame yemmuu ta’u, naannoo baadiyyaatti garuu, hanga tokko kan itti fayyadaman ta’uu 
isaati. Innumti baadiyyaatuu akkaataa duriitiin kan dhimma itti bahaa hin jirreedha. Laguu fi 
lagannaan kun yeroo ammaa magaalaa irra baadiyyatti hojiirra akka oolu hubatameera. 
Akkasuma laguu kanatti fayyadamuun walqabatee amantiin dhiibbaa akka itti godhe 
hayyootarraa hubachuun danda’ameera. Lagannaan kallattii hundaan Jaalalaa fi kabaja 
guddaa ibsuuf humna cimaa qabaachuu; lagannaan yeroo ammaa haala duraan Oromoon Arsii 
Shanan Waayyuu dhimma itti ba’aa tureen kan hinjirre ta’uu fi hawaasa keessatti waan Oromoo
fi waan ormaa addaan baasanii beekuu dhabuun namoota muraasa biratti kan mul’atu 
ta’uusaati. lagannaan faayidaa walitti dhufeenya hawaasaa waan cimsuuf, gama 
miidiyaaleetiinis, ummata osoo barsiisanii, akkasuma, kitaabilee barnoota Afaan Oromoo 
keessatti akka mata-duree tokkootti barattootaaf osoo qophaa’ee gaarii ta’a. lagannaa kana 
sirnoota (waltajjiilee) adda addaa irratti bifa gara garaatiin osoo dhiheessanii gaarii ta’a. 
Qorattoota aadaa hawaasaa irratti qorannoo gaggeessaniif gama waajjiraaleetiinis ta’ee, 
qaamni dhimmi ilaalu marti deeggarsa osoo taasisee. Aadaa qorataman kanas, iddoolee adda 
addaatti haala mijeessuun fakkeenyaaf manneen kitaabaa keessa kaa’uun akka dubbifaman osoo 
godhamanii. Akkasumas, karaa Waajjiraalee Aadaa fi Turizimii Bulchiinsa Magaalaa 
Shaashamanneetiin, hawaasni aadaa jechoota laguutti waltajjjiilee fi jila hawaasummaa adda 
addaa irratti bifa bar-tapheetiin akka ibsamu osoo godhamee gaarii ta