Abstract:
Mammaaksi afoola Oromoo keessaa isa tokko ta’ee jiruuf jireenya hawaasaa keessatti 
wantoota mudatan haala garagaraan ibsuuf kan dhimma itti bahamudha. Qorannoo kanaaf 
ka’umsa kan ta’e, dubartoonni dandeettiifi ogummaa qaban fayyadamanii jijjiirama fiduu 
nidanda’an.kanaafimmoo mammaaksota kanneen qorachuun barbaachisaa waan 
ta’eefi.Qorannoowwan mammaaksaa irratti kanaan dura dalagaman ija gaariifi badaa 
walcinaa qabuudhaan ilaaluutti dabalee kallattii hamilee dubartootaan ilaaluun hinmul’atu. 
Haaluma kanaan, kaayyoon gooroo qorannoo kanaa mammaaksota dubartoota hamilee 
jajjabeessaniifi buusan xiinxaluudha. Maanguddoonni ragaa qorannoof gumaachaanis
iddateessuu kaayyeffataatiin muuxannoofi beekumsa akkasumas umrii isaaniitiin eeruu 
hawaasaafi waajjira aadaafi tuurizimiitiin kan filatamani dha. Meeshaaleen qorannoo ragaa
walitti qabuuf tajaajilan afgaaffiifi marii garee xiyyeeffannooti. Kanamalees, Gosti qorannoo 
kanaas qorannoo qulqulleeffataa yoo ta’u, saxaxa xiinxaala ibsaa bu’uura godhachuudhaan 
mala akkamtaatti dhimma ba’ame. Akka qaaceesa ragaa irraa hubatametti mammaaksonni 
dubartoota hamilee jajjabeessan bu’aa isaan ofiif buusuu bira dabranii biyyaaf gumaachuu 
danda’an irratti kaka’umsa akka horatan taasisuu keessatti shoora akka qabuufi dubartiin 
gamna,,beektuu,abdatamtuu, dandeessuufi murteessituu ta’uu isaanii kan agarsiisedha 
Kanneen hamilee dubartootaa buusan ammoo irra caalaatti hawaasa keessatti 
heddumminaan kan dhimma itti bahamu ta’uufi midhaa xiinsammuu kan geessisan ta’uun 
adda baafamee jira. Mammaaksonni kunniinis dubartootaa fakkoommii wantoota tuffatamoo 
waliin walbira qabuun, qoosaa, tuffii, arrabsoofaa kan mul’isan ta’uu qorannoon kun 
hubachiisee jira. Kanaafuu ergaalee mammaaksota keessa jiran keessaa kanneen 
dubartoota kallattiin akka hin malletti ibsan waajjirri dhimma dubartootaa aanaa Mi’eessoo
dubartoota gareen gurmeessuun leenjii walitti fufaa kennuun hojii hubannoo uumuu 
hojjechuu qabu.