Abstract:
Qorannoon kun mata duree Mil’uu Oromummaa: sirboota warraaqsaa Keekiyyaa 
Badhaadha filataman keessatti jedhurratti kan gaggeeffameedha. Kaayyoo gooroon 
qorannoo kanaa sirboota kanneen keessatti Oromummaan haala kamiin akka hubatameefi 
hiikame xiinxaluun dhiyeessuu yoo ta’u, seenaa weellistoota Oromoo Oromummaa asiin 
gahuu keessattiifi hariiroo sirnootni bulchiinsa biyyattii Oromummaa waliin qaban akka 
kaayyolee gooreetti hojii qorannoo kanaan dhihaataniiru. Kaayyoolee kanneen milkeessuufis 
walaloon sirboota filatamanii sagaleefi suursagan dhaggeeffatamaniifi ilaalamanii gara 
barreeffamaatti jijjiiramuun xiinxalamaniiru. Hojii qorannoo kanaaf iddattoowwan 
fudhataman: Dhugaa baas, Warra kamiifi Barraaq kan jedhantu mala iddatteessuu 
carraanalaa keessaa, iddatteessuu kaayyeffataan filataman. Malli iddatteessuu kun sakatta’a 
hafee oguma qoratamuu taasisuun kanneen dhimma qoratamuun walqabatan fo’achuuf kan 
dandeessisu ta’uutu akka dhimma itti bahamu godhe. malli qaaccessaafi hiikaa dhiheessa 
ragaaleef mijataa ta’ee hojiirra oole immoo kan akkamtaa keessaa mala qaaccessa 
haasbarruuti. Kunis waldhabbii gita irree qabuufi gita cunqurfamaa jidduu jiru ogbarruun 
dhugaafi haala qabatamaa akkatti agarsiisu kan xiyyeeffatu falaasama Markisiizimiitti 
dhimma bahuun kan raawwatameedha. Akka argannoo qorannoo kanaatti Oromummaan 
ulfina yookiin gatiifi ilaalcha qajeelaa namni dhuunfaas ta’ee gareen Oromoo ta’ee 
jiraachuufi mul’achuu isaaf ofiif kennu, simboo eenyummaa Oromoo ifeefi olka’ee nama 
keessaa mul’atu, safuufi seera Oromoon qajeelfamuufi jiraachuu kan gaafatu ta’uu sirbootni 
kun haalaan ibsaniiru. Weellistoonni Oromoo yaa’a seenaafi biqila qabsoo saba oromoo yoo 
ta’an, seenaafi eenyummaa barsiisuu, dhugaafi mirga sabaatiif falmuun Oromoofi 
Oromummaaf waardiyyaa ta’anii gidiraa Oromoorra gahu kamuu keessummeessaa kan as 
gahaniidha. Oromummaafi sirnoota moototaa hanga har’aa gidduu hariiroon jiru kan 
diinummaa yookiin waldhabdee ta’uun waan xiinxala qorannichaan bira gahameedha. Akka 
yaada furmaatattis qorattoonni seenaa dhaabbileen barnootaafi waajjiraaleen hubannoo 
Oromummaa cimsuurratti fuulleffachuun hojjachuufi hojiiwwan ogumaa eenyummaa 
ilaalcha siyaasaan xaxanii ofirraa dhiibuu caalaa dhimma itti bahuun barbaachisaa ta’uutu 
kaa’ame.