Abstract:
Qeexalaan gosa sirba aadaa Oromoo Gujii yoomessa mataa isaa keessatti sirbamudha. Isaanis: 
yeroo waraanaa, yeroo araaraafi yeroo jila Gadaati. Sirbootni kunnin gulantaalee bulchiinsa 
Gadaa Gujii keessatti bichinaafi gahumsa umurii namoota qabaniin sirbama. Kaayyoon qorannoo
kanaas sirboota qeexalaa Gadaa Oromoo Gujii xiinxaluun ibsuudha. Qorannichaaf ka‘umsa kan 
ta‘e sirboota qeexalaa Gadaa Oromoo Gujii xiyyeeffannoo argatee gama saayinsaawwan 
xiinxaluun sirnaan akka hubatamuuf dhihaachuu dhabuu isaati. Firii qorannoo kanaa irraas 
qooda fudhattoota sirnichaa dhaloota ammaa ta’an, qorattoota qorannoo kanaan hidhata qabu
gaggeessan, beektotaafi barreessitoota Oromoo irraa fayyadamuu danda’u. Ragaaleen qorannoo 
kanaas namoota sirba qeexalaa irratti hubannoo qaban kanneen mala iddatteessuu akkayyootiin 
filataman irraa meeshaalee funaansa ragaalee kanneen akka afgaaffii, marii garee 
xiyyeeffannoofi sakatta’a harshammeen funaanaman mala akkamtaatiin xiinxalamanii jiru. 
Xiinxala kanaanis qabiyyeewwan sirba qeexalaa godaansa Gadaa, olaantummaa seerafi murtee 
Gadaa ibsuu, bulchiinsa Gadaa qeequufi jajjabeessuu, dimookiraatummaa Gadaa ibsuu, yoo ta’u 
ergaan sirbichaas tokkummaa cimsuu, dinqisiifannaa, gootummaa, duudhaa, aadaa, sirnaafi 
seera Gadaa, falaasama uummatichaa cimsuuf kan sirbamanidha. Jireenya hawaasummaa 
keessatti, sonoota hawaasaafi bilchina sammuu, sonoota amantii ibsuu, seerotaafi safuu sirna 
Gadaa tursiisuu yoo ta’u sonoota hawaasaa kunuunsuu, seerotaafi safuu sirna Gadaa tursiisuu,
falaasamaafi bilchina sammuu ibsuu, seerota amantiifi duudhaa dinagdee cimsachuuf labatni 
qabaaxhuu akka qabu gama hawaas-dinagdee barsiisuutiin gahee olaanaa qaba. Sirbi kun labata 
ammaatiif sirnaan akka hubatamuuf qooda fudhattoonni sirbichaa gooban galeeyyii si’anaan
keessatti hirmaatan; kanneen gulantaa Gadaa Gujii sadarkaa: Raaba, Dooriifi Gadaa keessa 
jiran osoo dhaloota ammaa akka itti fayyadamuuf barsiisanii sirbicha deebisanii cimsuun ni 
danda’ama. Kana malees, fayidaa sirbichi gama dinagdeefi hawaasummaatiin qabu adda 
baasuun hawaasichi akka irraa baratu Waajjiraalee Dhimmoota Kominikeeshinii Mootummaafi 
Aadaafi Turizimii Godina Gujii irratti hojjechuu qabu. Kana malees, beektonniifi qorattoonni 
sirbicha irratti kallattii biraan gadi fageenyaan qorannoo irratti gaggeessuun falaasama 
uummata kanaa qisaasa’insa tokko malee dhalootaaf gumaachuu ta’a