| dc.description.abstract | Qorannoon kun mata duree qaaccessa sirba arrabsoo gaa‟elaa”jedhu irratti kan gaggeeffame yoo ta‟u, 
bakki itti gaggeeffame immoo Oromoo Maccaa Aanaa Horrootti.Sirbi arrabsoo gaa‟elaa safuu hawaasaa, 
amala gadhee balalefatufi haala jiruufi jireenya barsiisu akkasumas,duudhaalee Aadaafi barsiifata 
hawaasaa yemmuu ta‟u, yeroo ammaa kana dagatamuufi baduu isaatu mul‟ata. Kaayyoon ijoo 
qorannichaa sirba arrabsoo gaa‟elaa qaaccessuu yemmuu ta‟u, sirba arrabsoo gaa‟elaa hawaasa Oromoo 
Maccaa aanaa Horroo qaaccessuuf saxaxa qorannoo akkamtaatti dhimma bahamee jira. . Maddi ragaa 
qorannoo kanaaf odeeffannoon irraa funaanamee madda ragaa tokkoffaa yemmuu ta‟u,isaanis, haadholii, 
jaarsolii,shamarraniifi ogeessa waajjira aadaafi tuurizimii waa‟ee sirba arrabsoo gaa‟elaa kana gadi 
fageenyaan hubannoo qaban yemmuu ta‟u,mala iddatteessuu mit carraa keessa iddatteessuu akkayyoofi 
darbaadabarsaatti gargaaramuun filatamaniiru.Iddattoowwan mala iddatteessuu akkayyoofi darbaa 
dabarsaatiin filataman kanarraa odeeffannoon afgaafiifi marii garee xiyyeffatetteen funaanuun,mala 
qaaccessa ragaa akkamtaatiin qaacceffamee jira. Adeemsa qaaccessa ragaa keessatti yaadiddama 
deebisanii ijaaruu dhimma bahuun namoota sirba arrabsoo gaa‟elaa irratti hubannoo qaban, xiyyeeffannoo
sirba arrabsoo gaa‟elaa, yoomessa sirba arrabsoo gaa‟elaafi ergaa inni qabu qaacceffamaniiru.Bu‟uuruma 
kanaan sirbi arrabsoo gaa‟elaa kan sirbamu ijoollee shamarraniin yemmuu ta‟u, yoomessa mataasaa 
keessatti bakkaafi yeroodhaan danga‟ee akka sirbamu argannoo qorannichaa niagarsiisa. Argannoowwan 
gurguddoo qorannoo kanaa akka ibsanitti sirba arrabsoo gaa‟elaa afwalaloofi yeedaloon dhiyaate, 
falaasama hawaasichaa nimul‟isa;obsa akka qabaatan taasisa, walitti dhufeenya hawaasaa nicimsa; safuu
hawaasichaafi haala jiruufi jireenya hawaasichaa akka hin dagatamne taasisa;gammachuumuu, 
bashannansiisafi hojii namoota kakaasuun jijjiirama amalaa gaarii akka fidan taasisa. Akkasumas, sirbi 
arrabsoo gaa‟ilaa hanqina ofii fooyyeffachuu; jireenya injifachuu, walqeequufi amala gadhee dhuunfaan 
mul‟atu to‟achuuf qooda guddaa qaba. Walumaagalatti ergaa sirba arrabsoo gaa‟elaa faayidaa guddaa 
waan qabuuf akka duriitti deebisuun falaasama hawaasichaa barreeffaman olkaa‟uun dhaloonni boodaa 
akka irraa baratu gochuun barbaachisaadha | en_US |