Abstract:
Qoraannoon kun gaheewwan dubbii qolaa kitaabota barataa barnoota Afaan Oromoo kutaa 
9ffaafi 10ffaa keessatti qabu xiinxaluudha.Dubbiin qolaa kitaabilee filaataman keessatti
xiyyeefaana keenameef xiiqadha.Kun immoo uunkalee ogafaan gosoota dubbii qolaa jala 
seenuu akka danda’uu akka qabiyyeeti hin teenyeeBarattooni dandeettiiwwan afaanii akka 
gabbifatan kan taasisu hafeewwan dhimmoota hawaasumma, siiyaasaa, dinagdeefi k,k.f akka 
xiinxalaan kan kakkasuu hin qabu. Dhimmoota adda adda haala adda ta’een al kallattiin akka 
xiinxalan kan gargaruu hin dhiyaanee. Kun immo dandeetti barattoota kana kallatii hundaan 
qaruuf hanqiina qaba.Kanaafuu rakkoolee gama kanaan jiru ifa baasuuf,Ka’umsa rakkoolee 
kanneen bira gahuuf qorannoo kana gaggeesse jira.Haaluma kanaan kaayyoon qorannichaa 
gaheewwan dubbiiwwaan qolaa kitaabilee filataaman keessaatti qabu gosoota dubbii qolaa 
kitabiilee filataaman keessaatti dhiiyate haala tamiisaainaafi fayiidaa dubbii qolaa 
xiinxaaluudha. Qorannoon kunqorannoo addeessaa yoo ta’uu mala akkamtaafi 
ammiimammtaattii dhimma bahamee kan gaggeeffameedha. , maddi raga qorannoo kanasai 
madda raga lammaffaadha.sabaabiin isaas namoota kitaaba kana barreessa osoo hin 
gafaatiin kitaaba duubiisuun waan gaggeefameef. (Kitaabonni lamaanis mala iddatteessuu
miti carraa keessaa akkayyootti dhimma bahuun kan filatamaniidha. Meeshaaleen fuunaasa 
ragaaleen dhimma bahaman immoo sakkata harshameeti. Xiinxalliin kitaabilee filataman 
irratti taasifames dubbiin qolaa kanneen akka akkasaa, arbeessaa, iddeessafi nameesa 
bal’inaan kan argamaniifi afaan barsiisuu keessattii gaheewwan akka onnachiisuuf, qeequuf, 
miliquuf. Bashannansiisaa barsiisaa barachuuf kan qabaniidha. Haa ta’u malee gaheewwan 
dubbii qolaa afaan barsiisuu keessatti qabu hedduu ta’us dubbiiwwan qolaa kitaabicha 
keessatti mul’atan gosaanis ta’ee bay’inaan muraasa waan ta’niif akka qaama ogafaaniitti 
xiyyeeffaannoo muraasa argatan. Kun immoo guddina Afaanichaarrattis ta’ee barattoonni
kallattii hundaan beekkumsa akka hin argannee godha. Kunis keessattuu sadarkaalee kutaalee 
filataman lamaanitti barattooonni bakka dubbisoota hubannoofi dibbisoota hiikaa bira 
darbanii xiinxallii waan gadi fageenyaa dubbisuu irratti waan gaggeessuu qabaniif beekkumsa 
xiinxallii gahaa kutalee itti aanurratti akka hinhoranne taasisa. Rakkoolee akkasii furuuf 
barsiisonni afaan barsiisan gosoota dubbii qolaa adda addaa sirna barnootaa keessatti 
madaksanii xiinxallii dubbisa daree keessaa, hojmanee, hojii gareefi dalagaalee biroo keessatti 
itti gargaaramuun dandeettii waa qeequufi hubannoo al kallattii barattootaa cimsuu qab