| dc.description.abstract | Qorannoon kun himoo sirna awwaalchaagodina shawaa lixaa aanaa liiban jaawwiirratti 
jedhurratti. Kaayyoon qorannichaa xiinxala afwalaloo dhaadanii himuu ta’ee, kaayyoo kana 
galmaan ga’uuf maddi ragaa qorannoo kanaaf odeeffannoon irraa funaaname madda ragaa 
tokkoffaadha.Kunis mala iddetteessuu 1miti carraa keessaa iddetteessuu akkaayyoofi darbaa 
dabaresaatti gargaaramuun filatamanii jiru.Odeefannoon raga himtootarraa meeshaalee 
funaansa ragaalee afgaaffii fi daawwannaatti dhimma bahuun funaanameraa.Argannoon 
qorannoo kanaan bira ga’ames hawaasini aanichaa namoota osoo lubbuun jiranii jireenya 
dhalli namaa jiraatu jiraachuu dadhaban osoo carraaqanis haa ta’u dhiba’ummaan jireenya 
hamtuu jiraataniif osoo lubbuun jiranii du’aa kan jedhamaniifi namoota lubbuun darbaniii 
seenaan isaanii lubbuun jiraatu dhalootaaf kaa’aniif,kan awwaalli isaanii isaan jajuuf isaaniin 
hin dune, kan isaanii du’a hin jedhamu kan jedhan ta’uu bira ga’ameera.Haalli raawwii itti 
himan kan gareefi dhuunfaan qoodamanii himan yoo ta’uu,gareen himoon fardaafi lafootti kan 
qoqqoodamuufi gareen kunneen iddoo birootti hiramee kan himu yoo ta’u,hirmaattonni ykn 
himoo kana irratti qooda kan fudhatu namoota jaalala nama sanaa qabaniifi garee afooshaa 
ta’uu qorannoo kanaan ibsameera.Akkasumsa,aadaa himoo kana keessaa kan iddoo jiran 
afoollaaniifi raawwiin sunneen yoo ta’u,kan bifa ammaayyaan dabalame fardarras haa ta’u 
konkoolaataa irra ba’anii walaleessuu yoo ta’u sababa amantaa,nageenyaafi tekinooloojiin 
meeshaaleen akka qawwee,gaachanaafi zinnaaraa kan iddoo isaa gadhiisan ta’uun isaanii 
argannoo qorannoo kanaati. Yaboon qorannoo kanaa himoo sirna awwaalchaa hawaasichi 
kallattiin aadaafi duudhaa hawaasa kanaa immoo seera qabeessaan qoratee akka dhiyeessu itti 
gaafatamummaa kan qabu dhaloota bakka bu’u ta’uu isaa qorataan kun kallattii kaa’a. Waajirri 
Aadaafi Turiziimii Aanaa Liiban Jaawwii aadaa himoo kanaafi kan kanaan wal qabatan irratti 
xiyyeeffannoon afwalaloo himoo kana barreeffamaan, sagaleefi vidiyoon waraabee dhaloota itti 
aanuuf osoo darbarsee gaarii ta’a | en_US |