Abstract:
Qorannoon kun Asoosama ‘Yoomi Laataa?’ Yaadiddama seenawaan xiinxalurraatti kan 
xiyyeeffatu yoo ta’u, Ka’umsi qorannoo kanaa asoomni ‘Yoomi laataa?’ gahee seenaa gama 
hawaasumman, dinagdeefi siyaasaan ture ilaalcha dhalootaa jijjiiruu keessatti qabu adda 
baasuun addeessuudha. kaayyoon gooroo qorannoo kanaas dhimmoota hawaasummaa,
siyaasaafi diinagdee haala asoosama ‘Yoomi Laataa?’ keessa jiruun yaadiddama seenawaan 
xiinxaluudha. Ragaalee akkamtaa mala sakatta’a Harshammeen argaman mala qaaccessa 
qabiyyeetti gargaaramuun gaaffilee qorannichaaf deebiin kennameera. Qabiyyee asoosamichaa 
keessaa ragaalee funaanaman, kessattuu muuxannoo barreessaan dhimmoota ilaalcha seenaa 
bara 1845 kaasee hanga bara 1983tti jiru, gama miidhaaleefi acuuccaa aadaa, afaan, seenaa,
xiinsammuu, eenyummaa saba Oromoo balleessuufi xureessuutiin ture xiinxalamee kan 
dhiyaateedha. Kana malees duudhaan Oromoo kan akka sirna gadaa akkamitti bakka bade sirna 
fiiwudaaliin akka bakka bu’eefi sirna fiiwudaaliitiin dhaalameefi danqaalee kallattii seenaatiin 
hawaasa Oromoo irra qaqqabaa turan ibsamaniiru.. Qorannoo kana keessattis dhimmonni 
gaaffileen qorannicha deebisuuf kitaabicha gadi fageenyaan dubbisuu, xiinxaluufi sakatta’uun 
ragaale argaman qoqqooduun, qaaccessuufi addeessuun dhiyaataniiru. Argannoowwan 
qorannichaas, gama tokkoon ummanni Oromoo hawaasa hunda hammatu,ilaalcha 
walqixxummaa, jaalalaa kan qabuufi, tokkummaan kan waliin jiraachaa ture;gabrummaaf kan 
hinsarmine ta’uu kan agarsiisu yoo ta’u, gama biroon immoo, nafxanyaan meeshaalee 
ammayyaatiin Oromoo cabsuu waan hin dandeenyeef saba biroo irratti kaasuuf olola ‘dhiphoo’, 
‘farra tokkummaa Itoophiyaa’fi ‘humnoota tokkummaa biyyaa diigan’, afaan isaa ‘Afaan 
Qottuudha’kanneen jedhaniidha.Keessattu Afaan Oromoo akka hin dubbatamneefi hin 
baratamnef imaammatafi labsiin sirna barnootaa keessaa baasuun akka hin guddanne 
taasifamuu, dhimma Seenaa isa kan baroota nafxanyoonni siyaasa dimookiraasii sirna Gadaa 
Oromoo cabsuuf Oromoota Godinaan, Koonyaan, Aanaan ,Lagaan akka walqoqqoodan 
gochuufi gaheewwan ilmaan Oromoo bara bulchiinsa sirna nafxanyaa Oromoo 
gabroomsisan,rakkooleen hawaasummaa biroo Oromoorratti ba’aa ta’an adda bahaaniiru.
Rakkoolee kanneen furuuf hayyoonni Oromoo dhimma seenaa,xiin-aadaafi afaanirratti 
qorannoo gaggeessan qopheessitoota kitaabilee barnootaan walta’uun dhugaa qabatamaa ture 
qabiyyee barnoota Afaan Oromoofi seenaa keessa galchuun barsiisuufi akka sagantaa tokkootti 
bifa do’iin yookiin weeshoon suur-sagaleen dhiyeessuu