| dc.description.abstract | Xiyyeeffannoon qorannaa kanaa Asoosama ‘Kuusaa Gadoo’ keessatti akaataa Dhimmoonni 
Hawaasummaafi diinagdee itti dhiyaate xiinxaluun ibsuu yemmuu ta’uu, qorannichis kallattii 
maarkisiiziimitiin qoratamee jira. Kaayyoo kana milkeessuufis malleen qorannoo keessaa hojji 
irraa kan oole mala qorannoo akkamtaati. Malleen iddatteessuu keessayis kaayyeeffannan 
tajaajilarra kan oole yoo ta’uu, ragaaleen funaannaman immoo karaa addeessa ragaatiin 
xiinxalame. Odeeffannoon qorannoo kana irraa funaannamanis karaa sakatta’a dookumentiitin 
hojiirra oolame jira. Asoosama ‘Kuusaa Gadoo’ keessaa dhimmoota hawaasdiinagdeetiin yoo 
daangeffamuu, yaadiddama Maarkisiiziimiittin dhimmii ba’amera. Argannoowwan qorannichaa 
akka addeessutti dhimmoonni hawaasaa kanneen akka fooyya’uu dhabuufi muramuu mindaa 
hojjatootaa irratti raawwatamuu, faayidaaf jecha wantoota aadaafi safuu hawaasa cabsuu 
danda’an raawwachuu, qabeenya saamuuf jecha amanti Oromoo, maqaa namootaafi biyyaa 
jijjiruu,barnootaaf iddoo kennu dhabuufi aangotti fayyadamanii hawaasa miidhuun akka 
rawwatama ture hubatame. Yaboo irratti immoo mindaan hojjatoota irraa muranuu akka hin 
qabneefi fooya’uus akka qabu, faayidaaf jedhanii wantoota aadaafi safuu hawaasaa miidhuu 
danda’an hojjachuu akka hin qabnee, qabeenya saamuuf jedhanii amantii Oromoo maqaa 
namootaafi biyyaa jijjiruu akka hin qabnee, barnootaaf iddoo kennuun akka barbaachisuufi 
seeraan aangootti fayyadamanii hojii bulchinsaa hojjachuun akka barbaachisuu ibsamera. | en_US |