| dc.description.abstract | Qorannoon adeemsisame gaheewwan sheekkoon dandeettii dubbachuufi dhaggeeffachuu ijoollee 
barsiisuu keessatti qabu irratti kan xiyyeeffatedha. Ka’umsi qorannichaa qaawwaa qorannoo 
gama kanaan jiru cufuun ka’umsa qorannichaadha. Ka’umsa kan irratti hundaa’uun gaaffileen 
buu’uuraa qorannichaa deebi argatanii jiru. Kaayyoon gooroo qorannichaa immoo gaheewwan 
sheekkoon dandeettii dubbachuufi dhaggeeffachuu barsiisuu keessatti qabu xiinxaluudha. 
Akkasumas, kaayyoowwan gooree qorannichaa; adeemsa sheekkoon itti dubbatamuufi 
dhaggeefatamu ibsuu, haalota sheekkoon dandeettii dubbachuufi dhaggeeffachuu barsiisuuf itti 
hojiirra oolu addeessuu, faayidaalee sheekkoon dandeettii dhaggeefachuufi dubbachuu barsiisuu
ijoolleef qabu ibsuufi sheekkoo dhaggeeffachuufi dubbachuun waantota ijoolleen baratan adda 
baasuu kan jedhudha.Qorannichi mala qorannoo akkamtaan kan adeemsisame ta’ee, gosi 
qorannichaa qorannoo ibsaadha. Ragaaleen qorannichaa funaanaman afgaaffii, marii gareefi 
daawwannaan yommuu ta’u, ragaleen warabamaniifi daawwannaan fuudhaman barreeffamatti 
erga hiikamanii booda xiinxalamanii jiru.Adeemsi sheekkoon ittiin dubbatamuu kanneen akka 
namoonnii waliitti dhufuu,sheekkoo kan duubatu duubachuudhaaf yaada dhiyeessuu,kan 
dhaggeeffatu dhagggeeffachuudhaaf fedhii agarsiisuu, sheekkoo nihimama, dhaggeeffachuufi 
gaaffilee wal gaafachuun adeemsa sheekkoon keessa darbudhaan hojiirra ooludha.Inni biraan, 
haalli hirmaannaa, hiiki haala galumsaa ergaa sheekkoofi yoomessi sheekkoon keessatti ittiin 
dhaggeefatamuufi dubbatamu qorannoo kanaan adda baafamee jira. Akkasumas, faayidaalee 
sheekkoo dhaaggeeffachuufi dubbachun qabu xiinsammuu ijoollee cimsuu, ijoolleen namuusa 
dubbii barachuu, seenaa qooddattootaa baruu, gara haala qabatamaa ofiitti deebisuun 
fayyadamuu, duraa duuba gocha beekuu, yoomessa seenichaa hubachuufi ibsuu fa’i.
Dabalataan, sheekkoon dubbatamuufi dhaggeeffatamu ijoolleen dhimmoota kanneen akka 
aadaafi haala jireenya hawaasummaa kan baratan ta’uun aragannoowwan qorannichadha.
Yaadi furmaataa qorannichaan ka’ame, hawaasaaf faayidaa sheekkoo ilaalchisee hubannaa 
uumuu, karaa adda addaa hawaasaaf dhiyeessuun, sheekkoo kuusuufi olkaa’u, sirna barnootaa 
keessatti hammachiisuufi akka ulaagaatti ijoolleen dursanii osoo gara mana barumsaa hin 
deemiin sheekkoo maatii isaaniifi maanguddoota irraa akka dubbachuufi dhaggeeffachuu baran
taasisuu | en_US |