Abstract:
Kaayyoo gooroon Qorannoo kanaa kan irratti xiyyeeffate, Fayyadama Afaanii Kuusaa Kitaaba Walaloo 
“Eenyuma Amantaa?” Yaaxxina Fayyadamummaatiin qaaccessuudha.. Ogwalaloon irra caalaa 
fayyadama afaanii adda ta‟een waan qophaa‟uuf, hubachuurratti barreessitoota, dubbiftootaafi 
dhaggeeffattootatti ulfaachuu danda‟a jedhee waanan yaadeef, fayyadamni afaanii kuusaa walaloo 
qorannoof filatamee, maal maal akka ta‟an xiinxaluurratti kan xiyyeeffadheedha. Saxaxni qorannichaa 
immoo, qaaccessa hafee yeroo ta‟u, mala qorannoo akkamtaatti dhimma bahuun meeshaalee funaansa 
ragaalee keessaa sakatta‟a barruu yookaan dookumentiitti dhimma bahe. Dabalataanis, mala 
iddatteessuu miti carraa keessaa, iddatteessuu kaayyeffataatti dhimma bahuun fayyadama afaanii kuusaa 
walaloo “Eenyuma Amantaa?” irratti qorannoo kiyya adeemsise. Haaluma kanaan, fayyadamni afaanii 
kitaaba kuusaa walaloo kanaa keessatti argaman kanneen akka garee jechootaa jalaa jechoota hiika 
faallaa qabanii, malleen dubbii, jechamootaa, mammaaksotaa, adda baafamuun, jechoota muraasaan 
yaada bal‟aa dabarsuun isaanii xiinxalamee jira. Dabalataanis, fayyadama afaanii gargaaramuun 
dhimmoonni akka siyaasaa, diinagdeefi hawaasummaa mul‟isan xiinxalamaniiru. Dhumarratti, yaada 
walaloon dabarsuuf barbaadame keessatti, fayyadamni afaanii gahee olaanaa waan qabuuf, 
barreessitoonniifi dubbistoonni fayyadama afaaniirratti osoo xiyyeeffatanii gaarummaa niqabaata. 
Akkasumas, filannoo jechootaa, jechamootaa, mammaaksaafi dubbiiwwan qolaatti fayyadamuun akka 
suuraan waan tokkoo hindagatamnetti sammuu namaa keessa kan kaa‟u ta‟uu hubatameera. Kanaafuu, 
fayyadamni afaanii walaloo keessatti mul‟atan dandeettii dubbistootaa, dhaggeeffattootaafi 
barreessitootaa cimsuu keessatti qooda olaanaa waan qabaniif, dhaggeeffataa, dubbisaafi barreessaa 
kan jennummoo mana barumsaa keessaa waan madduuf, kitaaba barnootaa keessattillee galuun, 
waa‟een fayyadama afaanii walaloofi hojii ogbarruu biroo keessatti mul‟atu baruufi barsiisuuf akka oolu 
osoo godhamee murteessummaa niqabaata. Sababni isaas, fayyadamni afaanii ogwalaloo afaanichaa 
guddisuu keessatti gahee olaanaa waan qabuu