Abstract:
Mata dureen qorannoo kanaa, “Qaaccessa Walaloowwan dandeettiwwan afaanii barsiisuu 
keessatti xiinxaluu yommuu ta’u, qorannichi kitaaba barataa barnoota Afaan Oromoo kutaalee 
saglaffaa fi kurnaffaa jiran irratti fuulleffate. Kaayyoo gooroon qorannoo kanaa, 
walaloowwan kitaaba barataa barnoota Afaan Oromoo kutaa Saglaffaa fi kurnnaffaa keessaa 
jiran 
dandeettii afaanii gurguddoo afran barsiisuu keessatti gahee isaan qaban 
qacceessuudha. Qorannoo kana gaggeessuuf mala qorannoo akkamtaa fayyadame. Sababni 
malli kun filatameef, hojiin qaaccessa qorannoo kanaa lakkoofsaan osoo hin ta’in jechootaan 
waan ibsameef, Mala kana bu’uura taasifachuun tooftaa odeeffannoo funaanuu mata duree 
qorannoo waliin walsimu qaaccessa qabiyyee kitaabaalee filamanii sakatta’uun, ragaaleen 
qorannichaa funaanamaniiru. Ragaaleen sassabamanis akkataa walitti dhiyeenya isaaniitiin 
qoqqooduudhaan qaacceffamanii. Bifuma walfakkaatuun haala dhiyaannaa fi gaheen 
walaaloo dandeettiiwwan afaanii ijoo arfan barsiisuu keessatti qaban kitaabilee kutaalee 
eeramanii hunda keessatti dhiyaatan xiinxallamanii. Dhuma irratti argannoon qorannichaas: 
walaloowwan kitaabni barnoota afaan Oromoo kutaa saglaffaa fi kurnaffaa dandeettiwwan 
afaanii barsiisuf gargaarame baay’innii isaanii ja’a yoo ta’an. Isaanis, walaloo Yeroo yeroon 
qabi, walaloo geerarsaa, walaloo faaruu jaalalaa, walaloo sirba gaa’ilaa, walaloo faaruu 
loonii fi hurursa daa’immaniiti. Walaloowwan dhiyaatan keessaa gara caalatti kitaabileen kun 
dandeettiiwwan afaanii afran barsiisuf kan fayyadaman kutaa saglaffaa keessatti yommuu ta’u 
kutaa kurnaffaa keessatti kan dhiyatan sadii. Kitaabilee lamaanuu keessatti walaloowwan 
dhiyaatan dandeettiiwwan afaanii arfanuu xiyyeeffannoo kan kennaniidha. Sadarkaafi 
dandeettii barattootaa xiyyeeffannoo keessa galchuun dhiyaachuu irratti hanqina kan qaban 
ta’uu isaa argannoon qorannoo kanaa ni mul’isa. Kana malees, Kitaabni barnoota afaanii 
haala dhiyaannaa waliigalteetiin akkaataa qophii afaan tokkoffaa hordofuun osoo qophaa’ee 
kan jedhuufi yeroo kitaabni barnoota afaanii qophaa’u ogeeyyii afaaniifi ogeeyyiin ogwalaloo 
irratti hirmaachisuun osoo qophaa’ee kannneen jedhan yaada furmaata jalatti eeraman.