| dc.contributor.author | Nutinuuf Balaayinaatiin | |
| dc.date.accessioned | 2024-12-24T06:19:32Z | |
| dc.date.available | 2024-12-24T06:19:32Z | |
| dc.date.issued | 2024-05 | |
| dc.identifier.uri | http://ir.haramaya.edu.et//hru/handle/123456789/8067 | |
| dc.description | 92p. | en_US | 
| dc.description.abstract | Ka’umsi qorannoo kanaa gahee falaasamni hawaasa Oromoo mirriissa guuza galaa keessa jiru gara ijaarsa hawaasummaafi diinagdee keessatti qabu guddaa tahee osoo jiruu xiyyeeffannoon kennameefi qorannoon gaggeeffame jiraachuu dhabuudha.Kaayyoon qorannoo kanaa Gahee falaasama hawaasaa Oromoo mirriissa guuza galaa aanaa Ciroo keessatti qabu ija falaasama hawaasa Oromootiin xiinxaludha.Qorannoon kun saxaxa sanyaabsaa keessaa sanyaabsa qabatamatti dhimma baheera.Qorataan madda ragaalee tokkoffaatti dhimma bahuun; iddattoo qorannichaa tooftaalee iddeetteessuu miti-carraa keessaa mala iddatteessu akkayyoo filachuun dhimma bahe gaggeessera.Meeshaalee funaansa ragaalee dhimma itti bahaman immoo: daawwannaa, af-gaaffiifi marii garee xiyyeeffannooti.Ragaalee Qorannicha ija yaadiddama Hawaasummaafi yaadiddama Caaseessummaa bu’uureeffachuun kan qaacceeffameedha.Argannoowwann ijoo qorannichaa:gahee duudhaan qabiyyeen mirrissa guuza galaa aanaa Ciroo ija falaasama hawaasa Oromootiin ijaarsa hawaasummaa gara duudhaa hawaasichaa itti fufsiisuu, safuu sabichaa kunuunsuufi labata barsiisuu danda’uu ;aadaa hojii gaariin dinaagdee cimaa uumuufi ittii fufsiisuu, guddina dinagdee nama dhuunfafi hawaasichaa dabaluuf gumaata qabaachu, walitti dhufeenya hawaasichaa cimsuu. Akkasumas,afwalaloo mirrissatti dhimma bahuun eebba maatii guuzaa eebbisuu, gorsa hawaasichii waliif laachuu,qeeqaa amala badaa hambisuufi duudhaa gaarii tahe walii qooduun hariiroo hawaasummaa cimsuun qaawwa hawaasummaafi dinaagdee aadaa hojii gamtaan hojjechuu keessatti mudatan mariin hiikkachuun dhimma itti bahan tahuun qorannichaan adda baheera.Yaboo qoranichaan Duudhaan hawaasichaa kun ijaarsaa hawaas-dinaagdee keessatti qabu gaarii wanta taheef gara fuulduratti kunuunsuun dhaloota dhaalchiisuun barbaachisaadha | en_US | 
| dc.description.sponsorship | Haramaya University | en_US | 
| dc.language.iso | en | en_US | 
| dc.publisher | Haramaya University | en_US | 
| dc.subject | falaasama hawaasaa, hawaasummaa, qabiyyee mirriisaa, guuza galaafi guuza, xiinxalu | en_US | 
| dc.title | XIINXALA MIRRIISSA GUUZA GALAA AANAA CIROO IJA FALAASAMA HAWAASA OROMOOTIN QORANNOO BARNOOTA DIGRII LAMMAFFAA (MA) | en_US | 
| dc.type | Thesis | en_US |