QAACCESSA AFWALALOO SHOOBDOO GALUMSA AADAA HOJII OROMOO ITUU AANAA GAMMACHIIS KEESSATTI

Show simple item record

dc.contributor.author Safiyyaa Abdulqaadir Yuusufee
dc.contributor.author (Gar. Piroff) Mohaammad Abdoo
dc.contributor.author (Gar. Piroff) Fiqaaduu Baldaa
dc.date.accessioned 2025-04-07T07:47:45Z
dc.date.available 2025-04-07T07:47:45Z
dc.date.issued 2024-01
dc.identifier.uri http://ir.haramaya.edu.et//hru/handle/123456789/8359
dc.description 64p. en_US
dc.description.abstract Qorannoon kunAfwalaloo Shoobdoo Galumsa Aadaa hojii Oromoo Ituu Aanaa Gammachiis irratti kanxiyyeeffate.Kaayyoon gooroon qorannoo kanaa Afwalaloo shoobdoo galumsa aadaa hojii (dalagaa) Oromoo Ituu Aanaa Gammachiis keessatti xiinxaluudha.Saxaxni qorannoo kanaa qorannoo ibsaa yoo ta’u xiinmalli qorannoo ammoo akkamtaadha.Iddattoon miti-carraa akkayyoon dhimma itti bahame yoo ta’u, ragaaleen qorannichaa madda ragaalee tokkoffaa irraa funaanaman. Meeshaaleen funaansa ragaalee kanneen akka: afgaaffii, daawwannaafimariin garee xiyyeeffannoo qorannoo kana keessatti dhimma bahamaniiru. Ragaaleen qorannoo kanaa irra caalatti afgaaffii fayyadamuun hawaasa barreessuufi dubbisuu hindandeenye irraa funaaname. Ragaaleen daawwannaa iddoo dalagaan shoobdoo itti raawwatame kan argame yoo ta’u, mariin garee xiyyeeffannooimmoo ogeeyyiiWaajjiraa Aadaafi Turiizimii koominikeeshinii Aanaa Gammachiisifimanguddootairraa kan argameedha.Ragaaleen funaanamanis qabiyyeewwan ijoofi ergaaleeafwalaloo shoobdoo akkasumas, dalagaalee shoobdooti.Qabiyyeewwan shoobdoo aabbaafi haadha guuzaa faarsuu, wal onnachiisuu, hojiirratti walqeequu, seenaa ibsuu, haasummaa ibsuuf, waa’ee qeerroo fa’aa yoo ta’an, ergaaleen shoobdoo ammoo, amantii, siyaasaa, gootummaafi diinagdee fa’i.Raawwiin shoobdoo seeraafi tartiiba mataa isaa qaba.Argannoon qorannoo kanaas, ammayyummaa malee beekkumsa aadaa afwalaloon walqabatuuf xiyyeeffannoon kennamu xiqqaa ta’uudha.Kana malees, barreeffamaan kanhinjirre ta’uufiitti fayyadamni shoobdoo akka durii irraa kan xiqqaate ta’uudha. Dhumarratti, qorannoon kun shoobdoon dhaloota ammaatiin xiyyeeffannaa argatee itti fayyadamni isaa akka itti fufuuf qaamonni dhimmi ilaallatu irratti hirmaachuun dhaloota barsiisuufi barreeffamaan ol kaa’uun gaarii akka ta’eefi qorannoo bal’aa gaggeessuun barbaachisaa ta’uusaa, akka yabootti lafa kaa’eera. en_US
dc.description.sponsorship Haramaya University en_US
dc.language.iso en en_US
dc.publisher Haramaya University en_US
dc.title QAACCESSA AFWALALOO SHOOBDOO GALUMSA AADAA HOJII OROMOO ITUU AANAA GAMMACHIIS KEESSATTI en_US
dc.type Thesis en_US


Files in this item

This item appears in the following Collection(s)

Show simple item record

Search HU-IR System


Advanced Search

Browse

My Account