| dc.contributor.author | MAAMMITUU GAARRADOO DAMISSEETIIN | |
| dc.contributor.author | Dr.Immaana Bayyaanaa (PHD) | |
| dc.contributor.author | Dr.Jeeylaan Amaan (PHD) | |
| dc.date.accessioned | 2025-05-07T06:30:55Z | |
| dc.date.available | 2025-05-07T06:30:55Z | |
| dc.date.issued | 2024-04 | |
| dc.identifier.uri | http://ir.haramaya.edu.et//hru/handle/123456789/8371 | |
| dc.description | 98 | en_US | 
| dc.description.abstract | Kaayyoo guddaan qorannoo kanaa tooftaalee( mala) hubannoon dubbisuu barattoota kutaa 10ffaa barnoota Afaan Oromoo Mana Barumsaa Calanqoo Sad. 2ffaa qacceesuun furmaata kaa‟uudha. Kayyooleen gooree qorannoo kanaa immoo hubannoon dubbisuu barachuufi barsiisuuf xiyyeeffannoon tooftaalee hubannoon dubbisuuf keennama jiruu, wantoota hubannoon dubbisuu barattootaarratti guufuu ta‟aniifi gahee barataafi barsiisaan hubannoon dubbisuu barachuufi barsiisuuf qabu xinxaluudha. Iddaattootni qorannichaa barsiisota Afaan Oromoo mana barumsaa armaan olitti eerame kutaa kurnaffaa barsiisaniifi barattoota kutaa kurnaffaa baratanidha. Akka madda odeeffannootti barsiisonni mana barumsichaa sadii mala iddatteessuu ammargeen, barattoota 100 ammoo mala iddatteessuu carraa sirnaawwaatiin filatamaniiru. Malli qorannoo kanaas mala qorannoo makaadha. Meeshaaleen odeeffannoon ittiin funaanamaanis qormata, af gaaffii, bar-gaaffiifi daawwannaa dareeti. Haala qaacceessa ragaa ilaalichisee odeeffannoon ragaa kennitootarraa funaanamanis mala akkamtaafi hangamtaatiin qaccefamaniiru. Argannoon qorannichaas kan mul‟isu tooftaan hubannoon dubbisuu barsiisuu barsiisotaa daree keessatti hojiirra oolaa jiru barattootni sagaleesuun dabaree dabareen akka dubbisan gochuufi irra guddeessa hojiileen dubbisuu barsiisuu bifa gaaffiifi deebii afaaniin kan geggeeffamudha. Gaheen barattootaas si‟aa‟inaan barnootaa A/O keessatti hirmaachuun yookiin hubannoon dubbisuuf fedhiin qaban xiqqaadha. Kitaaba barnootaa qabatanii dareetti argamuu dhabuufi yeroo barnootaa alatti kitaaba dabalataa dubbisuun hubannoo argachuuf carraqqiin godhan laafaadha. Dubbisa calliisaa irra dubbisa sagaleessuutu hojiirra oola. Yeroon caalmaatti dubbisa hubannoo dubbisuuf kenname sagaleessanii dubbisuu barattootaan kan saamamedha. Barsiisotni daree tooftaawwaniifi adeemsawwan beektotaafi qorattootaa dubbisuun eeraman akkaataa barbaachisaa ta‟een kan hojjiirra hin oolchinedha. kanaaf sabaabni karaa barsiisaan ibsame kitaaba barnootaa barattoota hundaaf kennamu dhabuufi wayitiin barnootaa kan QB fi mana barumsaatiit kenname walsimuu dhabuudha. Kanarraa ka‟uun tooftaan hubannoon dubbisuu barsiisuu geggeeffamaa jiru akka barbaadametti si‟aa‟inaan kan deemaa jiru miti. Kana waan ta‟eef, hanga danda‟ametti tooftaa hubannoon dubbisuu barsiisuu beektotaan eeraman hojiirra oolchuutu irra jira. Barsiisaan maaliifi akkamitti akka barsisu hubatee si‟aa‟inaan hubannoon dubbisa dubbisuu ykn barruu dubbisuu yeroo jirutti fayyadammuun dhiyeessuudha. Kana malees, qaamni isaa ilaallatu ktaaba barataa hundaaf kennuufi wayitii barnootaa walsimsiisuu qaba | en_US | 
| dc.description.sponsorship | Haramaya University | en_US | 
| dc.language.iso | en | en_US | 
| dc.publisher | Haramaya University | en_US | 
| dc.title | XIINXALA TOOFTAALEE HUBANNOON DUBBISUU BARATTOOTAA KUTAA 10FFAA BARNOOTA AFAAN OROMOO MANA BARNOOTA CALANQOO SAD. 2FFAA: GODINA HARARGEE BAHAA AANAA MEETTAA | en_US | 
| dc.type | Thesis | en_US |