Abstract:
Xiyyeeffannoon Qorannoo kanaa hojiilee baruu –barsiisuu keessatti hojiirra oolmaa mala baruu –barsiisuu barattoota giddu galeessudha. Kanumarraa ka’uun haalli hojiirra oolmaa mala kanaa, mana barumsa sadarkaa 2ffaa Doobbaa Daree Barnoota Afaan Oromoo keessatti maal akka fakkaatu xiinxalameera .Kunis malli kun hojiirra oolaa jiraachuu isaa,haala kamiin akka hojiirra oolaa jiu,hangam hojiirra oolaa akka jiru, daqaaleen jiran maal fa’ii fi furmaanni maali kanneen jedhamanidha Kanumaan wal qabatee qorattuun gosa qoranoo malleen walkeessoo fayyadamuun haalli hojiirra oolmaa mala baruu-barsiisuu barattoota giddi galeessa godhate mana barumsichaa Daree Barnoota Afaan Oromoo Kutaa 11ffaa Keessatti gadaanaa ta’uun isaa hubatameera.Malli qaaccessa ragaa dhimma itti bahame mala makaati. Akkasumas madda ragaa tokkoffaa fi madda ragaa lammaffaa fayyadamuun,kaayyoo qorannichaa galmaan ga’uuf malleen funaansa ragaalee afgaaffii, bargaaffii fi hubdaawwannaan hojiirra oolaniiru.Ragaaleenis karaa suuraa, viidiyoo fi barreeffamaatin walitti kan qabamanii fi akkaataa walitti dhufeenya isaaniitiin xiin xalamaniiru. Akka argannoo qorannoo kanaatti malli kun faayidaa hedduu kan qabuu fi hojiirra oolmaan isaa rakkoo akka qabu hubatamera.
Akkasumas malli kun barattoota gahoomsuu, ofitti amanamoo taasisuu, of danda’oo fi rakkoo adda baasuu fi rakkoo furuu akka danda’aniif kan fayyadu ta’uun isaa bira gahameera. Cuunfaa fi yaboon qorannoo kanaan adda baafameera .Haata’u malee hojiirra oolmaa mala kanaatiif danqaaleen jiran hanqina kitaabaa, teessoo,hamilee dhabuu barataa, gahumsa barsiisaa, hanqina silabaasii fi qajeelcha barsiisaa ta’uun adda baafameera. Furmaanni isaa, gahumsa barsiisaarratti hojjechuu,hanqina kitaabaa, silabaasii,fi istaandardii mana barumsaa fooyyessuun murteessaa ta’uun isaa adda baheera. Gama biraatiin dhimmamtoonni barnootaa hundi barsiisaan, hoggansi,waajjiraaleen ,barataa fi maatiin gahee isaanii bahuu qabu.