Abstract:
Qorannoon kun kan irratti xiyyeeffatu Qaaccessa Barreeffama Barjaalee Magaalaa Roobee irratt 
ta’a. Kaayyoon qorannichaas hanqinaalee barreeffama barjaalee keessatti mul’atan qaaccessuun 
sirreessuudha. Kaayyoo qoranichaa kanaas galmaan gahuufis gaaffileen bu’uuraa sadi 
qopheeffamanii irratti hojjatameera.Sakatta’iinsi barruu firoomaniifi sakatt’iinsi barruu walfakkii 
qorannoo kana gabbisuuf jecha haala gaariin taasifameera. Malleen qoranno keessattis saxaxni 
qorannoo akkamtaa akka ta’eefi akkamtaa jalatti qaaccessaaf mala ibsaa fayydameera. Tooftaan 
iddattoon qorannichaa itti filatames bifa qorannoo miti-carraa akka ta’e qorataan ibseera. 
Meeshaaleen funaansa ragaalee qorannoo kanaaf filatamaa ta’an daawwannaa dirreefi af gaaffiidha. Qaaccessa qorannichaas malleen qorannoofi meeshaalee fiatamanitti fayydamuun 
boqonnaa afur jalatti qaaccessi adeemsifameera. Qaaccessi kunis mala akkamtaafi meeshaalee 
lamaan daawwannaa fi af-gaaffiin ta’ee gaaffilee bu’uuraa qorannichaa deebisuuf yaaleera. 
Akkasumas, irrattis argannoon qorannoo kanaa boqonnaa shan jalatti haala ifa ta’ee fi gabaabaa 
ta’een kaa’amee qorannichi gaggeeffamee jira. Argannoon qoranichaa akka mul’isutti akkataan 
fayyadama caasaalee keessatti dogongora qubeessuu, fayyadama jechootaa, jijjiirraa afaanii
barjaalewwan magaalaa san keessatti argaman ilaalameera. Isaan kunniin immoo jechoonni 
ergaa barbaadame osoo hintaane hiika biroo akka dabarsan, yookin hiika akka dhaban taasiseera. 
Waaltina jechoota Afaan Orommoo irrattis gufuu ta’ee mul’teera.Dhumarrattis, qorannichi haala 
gaariin gaggeeffamrrea.