| dc.contributor.author | Ashabbir Makonnin Lammaa | |
| dc.contributor.author | Ashabbir Makonnin | |
| dc.date.accessioned | 2023-03-16T08:53:48Z | |
| dc.date.available | 2023-03-16T08:53:48Z | |
| dc.date.issued | 2022-05 | |
| dc.identifier.uri | http://ir.haramaya.edu.et//hru/handle/123456789/5405 | |
| dc.description | 80p. | en_US | 
| dc.description.abstract | Qorannoon kun kan irratti xiyyeeffatu Qaaccessa Barreeffama Barjaalee Magaalaa Roobee irratt ta’a. Kaayyoon qorannichaas hanqinaalee barreeffama barjaalee keessatti mul’atan qaaccessuun sirreessuudha. Kaayyoo qoranichaa kanaas galmaan gahuufis gaaffileen bu’uuraa sadi qopheeffamanii irratti hojjatameera.Sakatta’iinsi barruu firoomaniifi sakatt’iinsi barruu walfakkii qorannoo kana gabbisuuf jecha haala gaariin taasifameera. Malleen qoranno keessattis saxaxni qorannoo akkamtaa akka ta’eefi akkamtaa jalatti qaaccessaaf mala ibsaa fayydameera. Tooftaan iddattoon qorannichaa itti filatames bifa qorannoo miti-carraa akka ta’e qorataan ibseera. Meeshaaleen funaansa ragaalee qorannoo kanaaf filatamaa ta’an daawwannaa dirreefi af gaaffiidha. Qaaccessa qorannichaas malleen qorannoofi meeshaalee fiatamanitti fayydamuun boqonnaa afur jalatti qaaccessi adeemsifameera. Qaaccessi kunis mala akkamtaafi meeshaalee lamaan daawwannaa fi af-gaaffiin ta’ee gaaffilee bu’uuraa qorannichaa deebisuuf yaaleera. Akkasumas, irrattis argannoon qorannoo kanaa boqonnaa shan jalatti haala ifa ta’ee fi gabaabaa ta’een kaa’amee qorannichi gaggeeffamee jira. Argannoon qoranichaa akka mul’isutti akkataan fayyadama caasaalee keessatti dogongora qubeessuu, fayyadama jechootaa, jijjiirraa afaanii barjaalewwan magaalaa san keessatti argaman ilaalameera. Isaan kunniin immoo jechoonni ergaa barbaadame osoo hintaane hiika biroo akka dabarsan, yookin hiika akka dhaban taasiseera. Waaltina jechoota Afaan Orommoo irrattis gufuu ta’ee mul’teera.Dhumarrattis, qorannichi haala gaariin gaggeeffamrrea. | en_US | 
| dc.description.sponsorship | Haramaya University | en_US | 
| dc.language.iso | en | en_US | 
| dc.publisher | Yuunivarsiitii Haaramaayaa, Haaramaayaa | en_US | 
| dc.title | QAACCESSA HANQINA BARREEFFAMA BARJAALEE MAGAALAA ROOBEE: GODINA ARSII AANAA ROOBEETTI | en_US | 
| dc.type | Thesis | en_US |