Abstract:
Qorannoon kun mataduree '' Xiinxala Dhiyaannaa Hiika Jechootaa Barnoota Afaan Oromoo 
Kitaaba Barataa Kutaa 12ffaa keessatti '' jedhurratti xiyyeeffatee kan gaggeeffameedha.
Kaayyoon qorannoo kanaa dhiyaannaa hiika jechootaa baranoota Afaan Oromoo kitaaba 
barataa kutaa 12ffaa bara 2005 maxxanfame xiinxaluudha. Galma ga'insa kaayyichaatiif 
kitaabni barataa xiinxalamee jira. Iddattoolee kunneen irraa ragaa walitti qabuuf ammoo 
meeshaalee funaansa ragaa sakatta'a dookumentii (harshammee) tti dhimma bahamee jira. 
Haalli filannaa iddattoo mala carraanalaakan ta'ee mala dhimmataan filatame. Innis hiika
jechootaa barnoota Afaan Oromoo kutaa 12ffaati.Ragaan argame mala qorannoo akkamtaan 
ibsamee jira.Dhihaannaa hiika jechootaa kitaaba kana keessaa boqonnaadhaa gara 
boqonnaatti jiru fedhiifi sadarkaa barattootaaf xiyyeeffannoo kan hin kennamneefii ta'uu; 
walsimannaa boqonnaa tokkoo gara itti aanuutti jirus bakki kennameef xiqqaa ta'uunfi hiika 
jechootaa dhiyeessee barsiisuuf xiyyeeffannoon barbaachisu barachuu barattootaaf kan hin 
kennamne ta'uu hubatamee jira. Kanarraa kan ka'e, dhiyaannaan qabiyyee hiika jechootaa 
kitaabilee kanneen keessaa kan barattoota haala gaariin hirmaachisuun hiika jechootaa 
dammaqinaan akka baratan kan taasisu miti. Kanaafuu, dhiyaannaan hiika jechootaa 
barnoota Afaan Oromoo kitaaba barataa kutaa 12ffaa boqonnaalee keessatti qabiyyee hiika 
jechootaa dhiyaatan kitaabilee kana keessatti cimsuun akka barbaachisufi kanneen kitaaba 
barnoota Afaan Oromoo qopheessan xiyyeeffannoo guddaa kennuun gadii-olitti odeeffannoo 
funaanuun hiika jechootaa qopheessuu akka qaban qorannookanaanaddabaheera.