Abstract:
Qorannoon kun ‘Gaheewwan walaloon barsiisuun dandeettiiwwan afaanii olaanoo guddisuu 
keessatti qabu xiinxaluu’ jedhu irratti gaggeeffame. Kaayyoonsaas gaheewwan ogwalaloon
dandeettiiwwan afaanii bu’uuraa barsiisuu keessatti qabu xiinxaluudha. Ka’umsi qorannichaa 
xiyyeeffannoon gama walaloo fayyadamuun dandeettii afaanii barsiisuun xiyyeeffannoo kan hin 
arganne ta’uusaati. Xinmalli qorannoo kanaa xinmala akkamtaa yoo ta’u saxaxa qorannoo 
ibsaatti dhimma baheera. Akkasumas, qorannoo kana gaggeesuuf yaadiddamni faayideesummaa 
xiyyeeffannoo qorannoo kanaati. Akeeka kana galmaan gahuuf mala iddatteessuu kaayyeffataatti 
dhimma bahameera. Ragaaleen qorannoo kanaaf funaanamanis mada ragaa lamaanuurraa kan 
argamaniidha. Kunis hashameefi afgaaffii barsiisota irraa fudhatan fayyadamuuni. Ragaaleen 
funaanamaanis mala qaacceessa qorannoo akkamtaatti fayyadamuun qaacceffamaniiru. Bu’aan 
xiinxallii ragaalee qorannichaas afeewwaan walaloo kitaabilee filataman keessatti dhiyaatan 
dandeettiiwwan afaanii barsiisuu keessatti itti fayyadama ogummaawwan afaanii shaakalchisuuf 
dhiyaachuu isaaniiti. Kanamalees, walaloon dandeettiiwwan afaanii barsiisuu keessatti faayidaa
akkuma qaban danqaawwan yommuu walaloo fayyadaman mudatan jiraachuun hubatameera.
Argannoon qorannoo kanaas, walaloon dandeettiiwwan afaanii akka waliigalaatti guddisuu 
keessatti gahee olaanaa qabaachuudha. Kana malees, walaloowwan kitaabilee Afaan Oromoo 
keessatti dhiyaatan dandeettiiwwan afaanii barsiisuudhaaf tooftaalee baayyeen hojiirra ooluu 
dhabuu, ogeeyyiin sirna barnoota afaaniifi barreessitoonni kitaabilee Afaan Oromoo 
qopheessan walaloof xiyyeeffannoo kennuu dhabuudha. Yaboon kennames, kitaabni barataa 
sadarkaa barattootaa wajiin akka wal simatutti akka gaariitti kan qophaa’eefi walaloon gosa 
barnoota filatamoo osoo hin taane qaama sirna barnootaa ta’uu qaba