| dc.contributor.author | DALASAA NAGAASAA BAREECHAA | |
| dc.contributor.author | Imaanaa B. (Ph.D) | |
| dc.contributor.author | Piroofeesaaraa Muhaammad Abdoo | |
| dc.date.accessioned | 2024-12-19T07:13:11Z | |
| dc.date.available | 2024-12-19T07:13:11Z | |
| dc.date.issued | 2024-06 | |
| dc.identifier.uri | http://ir.haramaya.edu.et//hru/handle/123456789/8007 | |
| dc.description | 79 | en_US | 
| dc.description.abstract | Qorannoon kun ‘Gaheewwan walaloon barsiisuun dandeettiiwwan afaanii olaanoo guddisuu keessatti qabu xiinxaluu’ jedhu irratti gaggeeffame. Kaayyoonsaas gaheewwan ogwalaloon dandeettiiwwan afaanii bu’uuraa barsiisuu keessatti qabu xiinxaluudha. Ka’umsi qorannichaa xiyyeeffannoon gama walaloo fayyadamuun dandeettii afaanii barsiisuun xiyyeeffannoo kan hin arganne ta’uusaati. Xinmalli qorannoo kanaa xinmala akkamtaa yoo ta’u saxaxa qorannoo ibsaatti dhimma baheera. Akkasumas, qorannoo kana gaggeesuuf yaadiddamni faayideesummaa xiyyeeffannoo qorannoo kanaati. Akeeka kana galmaan gahuuf mala iddatteessuu kaayyeffataatti dhimma bahameera. Ragaaleen qorannoo kanaaf funaanamanis mada ragaa lamaanuurraa kan argamaniidha. Kunis hashameefi afgaaffii barsiisota irraa fudhatan fayyadamuuni. Ragaaleen funaanamaanis mala qaacceessa qorannoo akkamtaatti fayyadamuun qaacceffamaniiru. Bu’aan xiinxallii ragaalee qorannichaas afeewwaan walaloo kitaabilee filataman keessatti dhiyaatan dandeettiiwwan afaanii barsiisuu keessatti itti fayyadama ogummaawwan afaanii shaakalchisuuf dhiyaachuu isaaniiti. Kanamalees, walaloon dandeettiiwwan afaanii barsiisuu keessatti faayidaa akkuma qaban danqaawwan yommuu walaloo fayyadaman mudatan jiraachuun hubatameera. Argannoon qorannoo kanaas, walaloon dandeettiiwwan afaanii akka waliigalaatti guddisuu keessatti gahee olaanaa qabaachuudha. Kana malees, walaloowwan kitaabilee Afaan Oromoo keessatti dhiyaatan dandeettiiwwan afaanii barsiisuudhaaf tooftaalee baayyeen hojiirra ooluu dhabuu, ogeeyyiin sirna barnoota afaaniifi barreessitoonni kitaabilee Afaan Oromoo qopheessan walaloof xiyyeeffannoo kennuu dhabuudha. Yaboon kennames, kitaabni barataa sadarkaa barattootaa wajiin akka wal simatutti akka gaariitti kan qophaa’eefi walaloon gosa barnoota filatamoo osoo hin taane qaama sirna barnootaa ta’uu qaba | en_US | 
| dc.description.sponsorship | Yuunivarsiitii Haramaayaa, Haramaayaa | en_US | 
| dc.language.iso | other | en_US | 
| dc.publisher | Haramaya University, Haramaya | en_US | 
| dc.title | XIINXALA WALALOON DANDEETTIIWWAN AFAANII OLAANOO BARSIISUU KEESSATTI QABU; KITAABILEE BARNOOTA AFAAN OROMOO KUTAA 11FFAAFI 12FFAA IRRATTI XIYYEEFFACHUUN | en_US | 
| dc.type | Thesis | en_US |